Abdi Olani Profile Photo
Abdi

Abdi Olani

d. January 3, 2016

Seenaa gabaabaa Abdii Olaanii Dureessaa
Yeroo inni dhalate Abdi ittiin jedhan. Yeroo saatu hamaa ture. Magaalaa Naqamteerra golboobee kan ture hauura waraanaati. Qilleensi bara Sanaa jijjiirama baatee bubbisaa tureyyuu namoota hedduuf garuu yeroo yaaddoo ture. Magaalattii keessa konkolaattota meeshaa waraanaa gurguddaa fe'anii darbaniif waraanaa gara magaalattiitti bubbisuutti jiru dhaga'ee namni hin yaaddofne hinturre. Yeroo sana ture uummati magaalaa Naqamtee tarii yoo waaraanni jalqabe jedhanii kan da'oo qotachuu eegalan. Bara 1990.
Aadde Birqee Nageessaa ulfa guutuu turan. Yoo namooti kaan waa'ee sirna isa kufee sirna bakka bu'uu akkasumas waan bor isaan mudachuu malu yaadan, Mana aadde Birqee Nageessaa fi obbo Ayyelee Olaanii Dureessaa keessaa garuu sirna jiojjiiramuuf Mucaa dhalatutu abdiidhaan eegamaa ture. Miira yaaddoo fi Abdiin makate. Onkololeessa 14 bara 1990 Mucaan dhiiraa dhalate.
Aadde Birqee Fi obbo Ayyelee Olaanii sagalee waaqayyoo dhaga'aa waan jiraataniif inni namoota biraa yaaddessaa ture baayyee isaan hin yaaddesine. Kanaaf, guyyaa sanarra dhaabbatanii isa borii yaadaa, har'a gaaddidduun waraanaa biyya keenyarra buufatuyyuu, haaloti mul'atan sodaa nutti naqaniyyuu, bor garuu Abdiin Jira jedhanii abdatan. Mucaa dhalates Abdii Olaanii Dureessaa ittiin jedhan. Bor of jijjiiree ilma seenaa keenya jijjiirutu mana keenya keessatti dhalate jedhanii Abdii ittiin jedhan. Daa'imni dhiigi kun bor guddatee nama ta'ee nu qofaaf osoo hintaane saba isaafillee ta'a jedhanii Abdii Moggaasaniif. Har'a irra ijaajjanii bor keessatti ifa arganii maqaa kana laataniif.
Abdiin Barmoota isaa sadrkaa gadii Magaalaa Naqamtee, Jimmaa fi Magaalaa Ambootti barate. Abdiin nama maqaa qofaan jiraatu osoo hintaane, Abdii ta'uu isaa sadarkaa gadii eegaleetu kan inni mirkaneessuutti ka'e. Abdiin xinnummaadhaa ka'ee kolfaaf xaba jaallata ture. Kutaa keessatti hagamillee haajeequ malee barmoota isaatti garuu baayyee jabaa ta'uu isaa irraan kan ka'e barsiisoti isaa hedduu isa mararsiifatu turan. Jeequu isaatti aaranii adabuuf jecha kutaa keessaa fuudhanii ba'anii yeroo itti wajjin kolfaa deebi'an akka heddummaatu barsiisoti isaa Marsaa Facebook Irratti barreessanii dubbifneerra. Abdiin barmoota Isaa Sadrkaa 2ffaa Achuma Magaalaa Naqamtee Kompreesivii Naqamteetti qabxii ol aanaadhaan xumure.
Ganama bubbee yaaddoo keessatti Mucaan dhalatee Abdii ittiin jedhan hiika Maqaa isaa Mirkaneesse. Bara 2008 qabxii ol aanaa Yuniversitii isa galchu argatee akka Ramaddii Yuniversitii fudhateen deemuuf qophii eegaleen carraan biraan ammo balbala jireenya isaa rukuchuutti ka'e. Carraa Looterii DV argate Abdiin. Ija isaanii duraa deemuu isaatti gaddaniyyuu Carraa Muraasa argachuun nama dhibu kana Ilmi isaanii argachuu isaaf gammadanii, biyya namni hundi dhaqee ofis maatiis jijjiiruu nuu dhaqee matumaa hiika maqaa isaa dhugoomsa jedhanii baalaa fi Mukti fira siif haata'u jedhanii eebbisanii gara biyya hinbeekneetti geggeessanii biraa deebi'an, Maatiin isaa. Abdiin biyya itti baduufis toluufis carraa ballaa namaa laattu dachii Ameerikaa, Minisootaa Kana kan xuqe bara 2009 Hagayya 19 ture.
Bitaafi Mirga isaa ilaalee, haala biyyichaas qoratee anaaf furmaata kan ta'u barumsa qofa waan jedheef hawii barumsaaf qabu galmaan ga'uuf Hojjechaa Barachuu jalqabe. Abdiin ganamuma yoo dhalatu qoraasuma jaalalaan waan dhalateef alagaa fira godhachuun isatti hin cimne. Lafa inni gahe hundi Fira isaa ta'uu jalqabe. Abdiin bara jireenya isaa keessa nama of ta'ee akka ofiitti yaadee isa yaade gochaa jiraate malee nama biraa gammachiisuuf yookaan maal naan jedhuun jiraatee hindabarre. Amalli isaa kunimmoo akka baayyoti isa jaallatan taasise.
Moggaatti jireenya Ameerikaa waliin waldhaansoo wal qabaa barumsa isaas otuu addaan hinkutin Kooleejii Hawaasaa Saint Paul Irraa Asociate Degree Isaa fudhatee barumsa ol aanaaf Mummee Injineringiitiin gara Yuniversitii Minisootaatti ce'e. Abdiin Jaalala kubbaaf qaburraan kan ka'e xabataa Kubbaa Miillaa garee Finfinneetis. Abdiin bakka Oromooti Maqaa Oromummaatiin walitti qabamanii dhibee hinbeeku. Aadaa saba isaatii, eenyummaa isaa, Oromummaa Isaatti nama baayyee boonu qofaa osoo hintaane isaan Oromoo hinbeeknetti beeksisuufillee baayyee nama tattaafatu ta'uu isaaf namooti Abdii beettan dhugaa baatu.Bakka Abdiin jiru callisanii taa'uun hin jiru. Naannoo inni jiru kolfaa fi qoosatu qilleensa isaan makatee bubbisa.
Abdiin tattaaffii yeroo dheeraa booda barumsa isaa goolabee akka Maatiin isaa Abdatanii Maqaa Abdii jedhu sana moggaasaniif hiika maqaaisaa dhugoomsee da'oo isaanii ta'uuf ji'oota Muraasa qofaa qaba ture. Yeroo amajji 2 bara 2016 waggaa haaraan seenee guyyaan lammataa seenaa gaddisiisaa qabattee achii as itti baatu. Guyyaa inni abjootee hinbeekne. Guyyaa Abdiin yaadee hinbeekne. Guyyaa inni dhahaa yeroo isaa irraa hinqabne. Mul'ati isaa hiriyoota isaas manatti galchee ofiis galee cinaacha isaa boqochiisuuf ture. Sanbata duraa ture. Barattoota Oromoo biyya keessatti Miidhamaniif sagantaa gargaarsaa qophaa'e irratti hirmaachuuf kan inni manaa ba'e. Galgala sana namooti Abdii argitan yoo jiraattan nama waan isa mudatu dursee beekee namootatti nagaa dhaamu fakkaata ture. Kolfiisaa fi xabi isaa durii dachaan dabalee namoota hunda dhaabee dubbisaa ture. Akka amala isaa uffata aadaa jaallatuun faayameera. Rifeensa isaa daabee sanatti faaqqee gadi dirateera. Seeqaa fi kolfi isaa fageenya irraa nama hafeera ture. Hata'u malee galgalli sun hegeree Abdiif hibboo ture.Galgala ishee dhumaa. Galgala hiiki maqaa isaa gaddaan haguugamtu. Galgala Maqaan Abdii jedhu cileen irraa haqamtu. Galgala kolfaa fi xabi isaa yeroo dhumaaf akka biiftuu baatee achumaan dhaamtu. Yeroo gochi isaa hundi yaadannoo taatee haftu. Galgala gaddaa. Abdiin bara 1990 onkololeessa 14 gara biyya lafaa kanatti akkumadaa'imman kaanii boo'aa dhufe kolfi isaa otuu fuula isaarraa hin raawatin Manaa ba'ee otuu gara Manaatti hindeebi'in, daandii walakkaa irratti hafe. Qorra biyya namaa qaama namaa seenee lafee horfu sana keessa balaa Konkolaataa isa mudateen booda reeffi isaallee sa'atii 8 oliif diida sana turte. Uummata jaallatu, saba isaa keessaa kolfaa xabachaa ba'ee qofaa isaa riqicha jalatti hafe. Abdiin hunda keenya keessatti yaadannoo, kudhaama jaalalaa yoomuu hin dagatamne kaa'ee gara isa dhugaatti ofii darbe. Sichi yoo gara isaatti deemne malee Abdiin deebi'ee gara keenya hindhufu. Maatii isaaf firoottan isaaf jajjabina hawwaa lubbuu isaa ammo lafa dhugaa haaka'u.

Service

Ebenezer Oromo Evangelical Church
1901 Portland Avenue South
Minneapolis, MN

Thursday, January 7, 2016
4:00 PM
To order memorial trees or send flowers to the family in memory of Abdi Olani, please visit our flower store.

Guestbook

Visits: 11

This site is protected by reCAPTCHA and the
Google Privacy Policy and Terms of Service apply.

Service map data © OpenStreetMap contributors

Send Flowers

Send Flowers

Plant A Tree

Plant A Tree